Yuunivarsiitii Arsiitti Jilli Barattoota Muummee Gadaafi Fookiloorii Oromoo Sirna Baallii Walharkaa Fuudhuu Gadaa Booranaa 72 eesso Irratti himaachaa turan nagaan gara Yuunivarsiitiitti deebi’aniiru.
Jilli hooggantoota, barsiisotaa fi barattoota muummee Gadaa fi Fookiloorii Sirna baallii walii dabarsuu gadaa booranaa kan torbaatamii lammeessoo ardaalee jilaa gara garattii qophaa’e irratti hirmaachuu isaanitiin barnootaa guddaa irraa argachuu dubbatana. Hirmaattonni jila kana dubbifne tokko tokko yaada nuu kennaniin orommoon aadaa gabbataa fi baay’ee boonsaa ta’e qabaachuu eeruun sirni walharkaa fuudhinsa baallii kuni ammoo sabni kuni aangoo karaa baayyee dimokiraatawaa fi hawwataa ta’een walii dabarsaa akka ture raga guddaadha jedhan.
Gama birootiin barattoonni barnoota Gadaa daree barnootaa keessatti baratan ardaalee akka kanaa irratti qaamaan hirmaachuun barnoota isaanii qabatamaan hojiitti hiikkachuuf carraa gaarii kan uumuf waan ta’eef hanga barnoota isaanii xumuranii eebbifamanitti sirnoonni akkanaa fi kan kana fakkaatan yeroo qophaa’an dhaqanii dawwachuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uu dubbatan.




Barsiisonnii fi barattoonni kunneen adeemsa baallii walii dabarsuu keessatti sirnoota gara garaa rawwatamaa turan irratti hirmaachuun muuxannoo isaanii gabbifatanii nagaan gara Yuunivarsiitii isaanitti deebi’anii jiru.
Haala kana kan mijeessaan Pirezidaantii Yuunivarsiitii keenyaa Dr. Fiqaaduu Mitikkuufi Dr. Musxafaa Baatii, ittii aana Pirezidaantii dhimmaa barnoota galateefataniiru.
Gadaan Quufa gabbiina!!
Like our Star Athelete, Excelling Professionals
