Yuunivarsiitiin Arsii akka biyyaattis ta’ee, akka Addunyaatti Yuunivarsiitii barnoota Sirna Gadaa Oromoo yeroo jalqabaaf Afaan Oromoon barsiisuu jalqabe yommuu ta’u; bara 2017tti barattoota marsaa jalqabaan barsiisaa ture ni eebbisiisa.
Barattoonni Muummee Gadaafi Fookiloorii Oromoo baratanis barnoota kutaa keessatti baratan irratti muuxannoo isaanii kan ittiin gabbifatan doo’ii Dirree irraatin Galma Abbaa Gadaa, Galma Giddugala Aadaa Oromoofi Industirii Miidiyaa Oromoo kan aadaa, seenaa, falaasama,afaan, duudhaa,Sirnaafi beekumsaawwan xabboo Oromoo addunyaatti beeksisu daawwatanii jiru.
Barattoonni barachaa jiran kun barnoota isaaniin eebbifamanii yeroo bahanitti ogummaa barataniin hanqina barsiisota gama barnoota Gadaa Oromootin kutaa gadiitii hanga dhaabbilee barnoota olaanoo keessa jiraniitti jiru kan furan ta’a.