Sadaasa 17,2015
Yuunvarsiitiin Arsii Kitaabbilee lama ”Ateeteefi kuusaa Afoola Oromoo Arsii” jedhamu Obbo Boonsamoo Mi’eessootiin barreeffame
maxxansiisuun eebbisiise.


Yuunvarsiitiin Arsii kiitaabbilee obbo Boonsamoo Mi’eessoo barreessee osoo hin maxxansiin boqatan maxxansuun eebbiseera.

Sirna eebba Kitaabbilee kana irratti arganuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dr. Dhugumaa Adunyaa fi Pireezidaantiin Itti Aanaan dhimma qorannoofi tajaajila hawaasaa Dr.Addaam Kadiir
Yuunvarsiitichi, Aadaa Seenaafi duudhaa oromoo dhokatanii hafan qoratee dhalootaaf dabarsuuf xiyyeffannoon hojjachaa jiraachuu ibsan.

‌Eebba Kitaabbilee kanneenii irratti keessummoonni gara garaa naannoo , godinaa Arsii lixaa, magaalaa shaasshamanee fi bulchiinsa magaalaa Asallaa irraa dhufan hirmaatanii jiru.

Akkuma Atileetota keenyaa; Ogeeyyii ciccimoo!

Leave a Comment