በአርሲ ዪንቨርሲቲ ከሀምሌ 25 እሰከ 28/11/2015 ዓ.ም ድረስ ለተፈጥሮ ሳይንስ ተማሪዎች ሲሰጥ የቆየው የ12ኛ ክፍል መልቂያ ፈተና በሰላም ተጠናቀቀ፡፡
ፈተናው በአራት የመፈተኛ ጣቢያዎች ለ6315 የተፈጥሮ ሳይንስ ተማሪዎች የተሰጠ ሲሆን ተማሪዎች ፈተናውን እንዳጠናቀቁ በተዘጋጀላቸው ተሽከርካሪዎች ወደ ቤታቸው ተሸኝተዋል ፡፡
ዩኒቨርሲቲው በሁለት ዙር በአጠቃላይ ለ 13140 ተማሪዎች የሰጠ ሲሆን ፤ ፈተናው በሰላም እንዲጠናቀቅ አስተዋጽኦ ላደረጉት ለመላዉ የዩኒቨርሲያታችን ማህረሰብ ፣ የፀጥታ አካላት ፣ የከተማችን ነዋሪዎች ፣ ፈታኞች ፣ የፈተና አስፈፃሚዎች ፣ መላው ከፌዴራል እስከ ከተማችን ያላችሁ የመንግሥት አመራር ፣ ተፈታኝ ተማሪዎች እና ለመላው የአትሌት ጥሩነሽ አትሌቲክስ ማሰልጠኛ ማህበረሰብ ዩኒቨርሲቲያችን ላቅ ያለ ምስጋና ያቀርባል ።
ዶክተር ዱጉማ አዱኛ (አርሲ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት )

Qormaanni kutaa 12ffaa barnoota saayinsii uumamaa Adoolessa 25 hanga Adoolessa 28, 2015 Yunivarsiitii Arsiitti kennamaa ture milkaa’inaan xumurameera.
Qormaanni kun barattoota saayinsii uumamaa 6315 tiif buufata afuritti kan kennnamaa ture yoo ta’u, barattoonni qormaata erga xumuranii booda konkolaattota qophaa’aniin gara maatii isaanii geeffamaniiru.
Yuunivarsiitichi marsaa lamatti waliigala barattoota 13140 kan qore yoo ta’u; qorumsi kun milkaa’inaan akka xummuramu gahee isaanii kan bahan Hawaasni Yuunivarsiitii keenyaa guutuun , Qaamoleen nageenyaa, Jiraattonni Magaalaa keenyaa, Barsiisonni qormaaticha qoran, Haala mijeessitoonni, qormaataa, Hooggansi Mootummaa guutuu Federaalaa irraa kaasee hanga Magaalaa keenyaatti, Barattootni qormaata fudhatanii fi Hawaasni leenjii atileetiksii Xirunesh Dibaabaa guutuun gumaacha gootaniif yuunivarsiitiin Arsii galata guddaa siniif dhiheessa.
Dr. Dugumaa Addunyaa (Pireezidaantii Yuunivarsiitii).
